Skip to main content
SIRNA DIMOKRAASII FI FILANNOO HAQA ABEESSA.
****************************
_DIMOKRAASIIN dhugoomuu kan danda'u Mootummaan yoo kan
(UMMATAAN FI UMMATAAF) filame ta'e qofaadha.
-Seeraafii sirni filannoo Biyya tokkoo ijaarsa sirna democracy Biyyattii keessaatti qooda guddaa kan qabuu fii isa murteessaa kan ta'eedha.
Kanumaan wal qabatee filannoo
Mootummaan Ethiopia asiin dura gaggeessaa ture keessatti rakkoolee sirna Democracy laamshessan baay'eetu raawwatamaa ture. fakkeenyaaf filannoo 2007 .Ec  irratti mootummaan Itoophiyaa Paartii mormitootaa walabummaa  waakkachuudhaan hidhaafii ajjeechaan akkasumas dararaa adda addaa irraan gahaa ture. Sababa kanarraa kan ka'es mormitoonni walabaan socho'anii sagalee isaanii dhageessifachuu hin dandeenye. Iddoo baay'ee irrattis hirmaachuu hin dandeenye. wanti baay'ee nama qaanessuufii mufachiisu inuu caalaatti nama kolfisiisu, namootni paartii mormitootaat bakka bu'anii dorgomaa jiran jedhamee iddoo adda addaa irratti hirmaachaa turan
miseensuma dhaaba mootummaa biyya bulchaa jiru OPDO irraa ofumaa bakka buusuun fakkeessanii ummata sobuuf yaalaa  turuu isaaniiti. Buufata filannoo hunda irrattis taajjabdoonni namootuma miseensa OPDO turan waan ta'eef akka namni tokko walabaan abba fedhe hin filanne ija namatti baasuun fi nama doorsisuun akkasumas waraqaa filannoo doorsisanii nama irraa fuudhuun ofii isaaniif dhaaba isaanii filaa turan. Rakkoon inni biroo rakkoo hubannoo ture kunis even ummata wallaalaa kana dhiisii namoonni sadarkaa naannoleefii federaalaatti ummata bakka bu'uudhaan dorgomaniifii biroolee ol aanoo keessa hojjetan irra baay'een isaanii hubannoo seeraafii sirna filannoo kan hin qabneedha. Wanta isaan miidhu dhiisii wanta isaan fayyaduyyuu adda baasanii kan hin beekne turan. Qaawa kana fayyadamuudhaan sagaleen ummataa ukkaamamaa tureera.
Kanumaaf ture ADWUIn %100 moo'anneerra jedhanii kan ittiin dhaadachaa turan.
Sababa kanarraa kan ka'e ture biyyattiin kun  Rakkoo hamma kana ga'uuf kan saaxilamee ture.
Walitti bu'iinsaafii rakkoolee baay'ee uumamee ture kanas tasgabbeessuuf ummataafii gaggeessitootni baay'een wareegama guddaa kafalaniiru yaaliin godhames jijjiirama baay'ee fideera. Haa ta'uu garuu balaan mootummaan kun ofumaaf habaqaalee ofumaaf buqqisuuf yaalaa jiru kun wagga dheeraaf hidda isaa gad fageeffachaa waan tureef  salphaatti kan buqqa'uufii gogu hin fakkaatu. Sababni isaas hiddi tokko hidda birootiin walitti hidhamaafii albuuda waliin qooddachaa waan tureef hidda balaa kana buqqisuudhaaf tooftaafii of eeggannoo cimaadhaan yoo kan ta'u ta'e malee hidda balaa kana cal jedhanii  buqqisuuf yaaluun hidda balaa biroo akka habaqaalu shakii hin qabu. Kunis wantuma amma ta'aafii argaa jirruudha.
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
Kutaa 2ffaa
Furmaatni maali?
Yeroo xiqqoo na eeggadhaa!
Itti fufa....!

Comments